Lammii Asaffaa


     Eenyummaa

Maqaa:- Lammii Asaffaa
Guyyaa Dhal. :- Bitootessa 3.1986
Bakka Dhal. :- Dambi Doollo, Oromiyaa                                         Hojii:- Sheefii (Ogeessa Nyaata tolchuu)

Lammii Asaffaa ogeessa beekamaa Nyaataa qophesuu biyya Itoopiyaati.

              Seenaa jireenyaa

Lammiin gara ogummaa kanaati dhufuusaan dura. Barnoota isaa idileedhaan qormaata guutummaa biyyoolessaa kan kutaa 12 bara 2006tti qoramee Barnoota sadarkaa olanaatiif Yuunuversitii Haromayaati gosa barnoota Seeraatiin digirii isaa jalqabaa fudhateera.. Ogummaa seeraa kanaanis  Mana Murtii Aanota Oromiyaa gara garaa keessa waggoota sadetiif hojjeteera. Garuu haalla siyaasaa biyya Itoopiyaa keessatuu Oromiyaa keessa jiru ilaalchisee. Ogummaan seeraa kan seeraa biyyatti irra jiru kan inni itti leenji’ee fi kan inni yeroo aangoo irra jiru akka godhuuf dirqamu sammuu isatiif waan hin liqimfamneef hojjii dhiisuuf akkasumas ogummaa seeraa waggaa hedduuf keessa ture jibbuuf dirqame.

Hojjii erga dhiisee ba’ee booda ogummaa isaa jijirufis waan murtesseef Finfinneetti galee mana Barumsaa Nyaataa qopheessu Iskaafer (eskafer ye migib azegejajet timhirt bet) Seenee ogummaa nyaata qopheessu barate..

“Maatiin koo Anaaf jireenya kooti, bakka isaan hin jiretti Hafuura illee fudhachuun koo waan hin yaadamnee dha”

https://plus.google.com/103871872727907048185
http://community.wikia.com/wiki/User:Lemi_Asefa_Geleta?useskin=oasis

Adimaasuu Biraanuu

   
            Seenaa jireenyaa

Admaasuu Biraanuu  (1956 – Gurraandhala 14, 2015) taatoo fi nama baacoo adda addaa tabatu yoo ta’u guddina aartii Oromoo keessatti gumaacha guddaa qaba. Artisti Admaasun baayyinaan hojiisaa kan Afaan Oromootin haa beekkamu malee, hojiiwwan  Amaariffaan hojjates ni qaba.
Admaasuun godina Wallagga Dhihaa Biilaa gaanda Qumbii jedhamutti bara 1956tti dhalate. Yeroo ijoollummaa isaa magaalaa Asoosaatti galuun bakka Kumruk jedhamutti abbaasaa kan daldalaa ture biratti guddatee. Yeroo gabaabaf magaalaa Jimmaa adaadaasaa bira jiraateera. Yeroo umuriinsaa 13 gara Finfinneetti godaane. Admaasun barnootaasaa adaadaasaa bira gara Jimmaa deemee achitti barate. Barnootasaa sadarkaa lammaffaa ammoo Finfinnee Addis Katamaatti hanga kutaa 7tti erga baratee booda hojii aartii itti fufuuf addaan kute. Boodarra guyyaa hojjachaa galagala barachuun barnoota sadarnaa lammaffaa mure. Admaasun hojii aartii walakkeessa 1970nii keessa mana tiyaatira bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti akka weellisuuf qacarame. Boodarra tiraampeetii baratee sana tabachuudhaan, sagaleen wellisuudhaan, ragada aadaa Oromoo ragaduudhaan hojjata ture.

 Kana malees sirbaa fi walaloo adda addaa ni barreessaa ture. Walleewwan jaalatamoo inni mana tiyaatira bulchiinsa magaalaa Finfinneetti weellise keessaa “Yaa Turungoo” fi “Biqiltuu Ganamaa” ti. Admaasuu Biraanuu manneen tiyaatiraa biyyattii keessa jiran gurguddaa kan akka Haagar Fiqir, Raas Tiyaatir, fi Beeraawwii keessatti hojjateera. Tiyaatiroota Amaariffaan hojjate gurguddaa keessaa Abugidaa Qayiso, Tewoodroos, Simmanyi Sintayehu, Balchaa Abbaa Nabsoo, Ya Veenus Nagaaddee, Isaat Sinaddi, Mali’ikta Wozadar, Maqidim fi Ya Qossaluu Mishigooch isaan muraasa. Adaamsun walaloo sirbaa barreessunis ni beekkama. Namoota inni walaloo sirbaa kenneef keessa muraasni Saahilee Dagaagoo, Sayyoo Dandanaa, Daagim Makonnin, Hirphaa Gaanfuree, Asteer Abdii fi as dhihooti ammoo Haabtaamu Lamuu faadha. 

Adimaasu
Adimaasuu Biranuu

Booda ammoo diraamaalee Oromoo adda addaa beekamoo ta’an keessumaa kan jalqaba 1990mootaa keessa baay’ee jaalatamaa ture Qophii Dhangaa  irratti achiimmoo diraamaalee baacoo akka qaanqee, diraamaa dhiyeenya agarsiisamaa ture kan dheebuu jedhu keessattis qooda guguddaa fudhachuudhaan daawwattoota biratti nama jaal’atama guddaa qabu ture. Admaasuu Birhaanuu abbaa ijoollee durbaa sadii fi dhiira lamaa walumaa gala abbaa ijoollee shanii ture.

Eebbisaa Adunyaa

 
 Eenyumaa
Maqaa : Eebbisaa Addunyaa                                        Guyyaa dhalootaa:                        Bakka dhalootaa: Dambi Doolloo Guyyaa du’aa: Hagayya 30, 1996 Bakka du’aa: Finfinnee     Ogummaa: Weellisaa walaleessaa fi sabboonaa                                Akaakuu: Sirba aadaa, Geerarsa Meeshaa: Sagalee, Gitaara

Bara hojjate: ? – 1996 Waliin hojjate: Hirphaa Gaanfuree, Daawite Makonnin, Daagim Makonnin, Habtaamuu Lamuu

    Seenaa Jireenyaa

Ebbisaan kan dhalate naannoo Oromiyaa Wallagga Lixaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti. Eebbisaan maatiisaaf ilma angafa yoo ta’u obboleeyyan dhiiraa 2 fi durbaa 3 qaba. Eebbisaan nama kennaa qabuu fi dargaggeessa kabajamaa ture. Barumsaa sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Oliiqaa Dingilitti kan barate yoo ta’u, barumsa sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Qeellamitti barate. Eebbisaan qormaata biyyoolessaa fudhatee waan darbeef yuunivarsiitii galee barachuuf qophaa’aa ture.

          ABO’tti Makamuusa

Bara 1991, odoo Eebbisaan ramaddii yuunivarsiitii eeggachaa jiruu, humnoonni ABO, ABUT(TPLF), fi ADWUI (EPLF) mootummaa Dargii kuffisan. Magaalaa Eebbisaan keessa jiraatu Dambi Doolloo keessatti, ABOn buufata waraana guddaa dhaabe. Yeroo sana, Eebbisaan haalli jireenya ummata Oromoo garbrummaa ta’uusaa waan hubateef akkasumas barbaachisummaa Oromoon hireesaa.ofiif murteeffachuuf qabu waan itti amaneef, kanaaf qabsaawuuf jecha dhaqee ABOtti makame. Eebbisaan jalqaaba akka daballeetti kan leenji’e yoo ta’u dandeettii addaa waan agarsiiseef, buufata ABO kan Dambi Doolloo keessatti leenjisaa dabballootaa ta’ee muudame. Dandeettii waraanaa qofa odoo hin taane, Eebbisaan dandeettii sirbaas ni qaba ture; kennaa sagalee isa qabu bukkeetti meeshaalee muuziqaa baayyees ni tabata. Sababa kanaaf, Eebbisaan hawwisoo ABOtti makamee aadaa, wallee, fi eenyummaa Oromoo mullisuurratti ga’ee guddaa tabate. Bara 1991 fi 1992 guutummaassa, Eebbisaan Oromiyaa keessa naannoo adda addaa (kibba, kibba lixaa, giddu galeessa, dhiha) deemee weellisaa ture; sirboonni isaa sirba aadaa yoo ta’an ergaansaanii garuu kan warraaqsa (revolution) kakaasan turani. Eebbisaan, sirboota isaatin hacuuccaa ummata Oromoorra ga’u ifatti baasee kan ibsu yoo ta’u karaa ittiin Oromoon mirga isaa gaafatuu fi falmatus ni ibsa. Akka nama dhuunfaatti, Eebbisaan nama gara laafessa ture; ummata Oromoo garaa guutudhaan jaalata ture, baayyee dimmaafis ture. Eebbisaan namoota gargaaruu fi dhimmuufiif nama duubatti hin jenne ture; obboloota isaa, firootasaa, ollaasaa, namoota gargaarsa barbaadan kamiyyuu ni gargaara ture. Eebbisaan artisitii baayyee jaalatamaa, dinqisiifamaa, fi saboonaa dha. Eebbisaan jalqabaa qabee gootummaadhaan beekkama. Erga ABOn biyyaa ba’ee geggeessitoonni isaa biyyaa baqataanii ABO dhoksaadhaan socho’uu jalqabee boodalle, Eebbisa sirba isaatin hammenya mootummaan Itoophiyaa ummatarraan ga’u ibsuu hin dhiifne. Eebbisaan baayyee ija jabeessa, kan hin sodaanne fi ifatti hojii shororkeessummaa mootummaan Itoophiyaa ummata Oromoorraan ga’u balaaleffachuurraa duubatti jedhee hin beeku. Deeggarsa WBOtif qabus amma dhumaatti ittuma fufe. Sababa Eebbisaan ija jabeessa ta’eefi ifaan ifatti ajjeechaa fi sarbama mirgaa mootummaan Itoophiyaa raawwatu balaaleffatuuf, ofuma isaayyuu ilaalcha mootummaa keessa akka galu godhe. Akka Oromia Support Group Press Release No 17 jedhutti, nama umurii 26 kan ta’e hiriyaan Eebbisaa mootummaan akka isaan hordofaa fi too’achaa(surveillance) akka jiru  are; Eebbisa iddoowwan waltajii adda addaatti konkolaatadhaan kan geessu isa ture. Gaafa Hagayya 30, 1996 Eebbisaa Addunyaa ergamtuu mootummaa Itoophiyaatin manasaa keessatti Finfinneetti ajjeefame.ebbisaan jalalii innii oromoof qabuu guddadha ebbisaan akkaa matiin matisa akkaa amara irra dhufaan ni dubbatama.

 Akkataa du’a Eebbisaa

Akka gabaasa Oromia Support Group Press Release No 14 kan Onkoloolessa 1996tti: weellisaa sabboonaa Oromoo Eebbisaa Adduynaa fi hiriyaansaa Xanna Wayyeessa ergamtuu humna nageenyaa mootummaa Itoophiyaatin gaafa Hagayya 30, 1996tti ajjaeefame. Yeroo namoonni meeshaa waraanaa hidhatan manasaa cabsanii seenan Eebbisaan manasaa kan naannoo Shiroomeedaa lakk 094, Olaanaa 13, Ganda 01 jiru keessa jira ture. Mannisaa kun kaaba Imbaasii Ameerikaa kan Finfinneetti argama. Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, reeffi mana keessaa harkifamee konkolaataa Laandi Rooverii kan lakkoofsa eeyyamaa mootummaa qabutti (government license plate) fe’ame. Ergamtoonni mootummaa warri isa ajjeesan jalqaba namoonni karaarraa akka sokkan godhan. Namoonni dhukaasa qawwee dhaga’anii manaa gadi bahanii ilaalan gara manaatti akka ol deebi’an ajajaman. Reeffi isaanii guyyaa itti aanuu hospitaala Minilik kutaa reeffaa keessaa argame. Erga Eebbisaan ajjeefamee maatin Eebbisaa rukkuttaa mootummaa keessa galan; ergamtoota DhDUO kan Dambi Doollotiin hacuuccaa fi miidhaa baayyetu isaanirra ga’e. Obboleessisaa Ashannaafiin ergamtoota Wayyaanee fi DhDUOtin si’a baayyee hidhamee.

 Taadasaa Birruu

               

       Eenyumaa

Maqaa:- Taadessa Birruu       M.masoo:- Taaddee                         Bara dhalootaa :-1921    Bak.dhaloota:- Salaale,Oromiyaa Guyyaa du’aa:- Bitootessa 19, 1975 Bakka du’aa:- Finfinnee             Hojjii- Leejjisaa Waraana      Aangoo:- Jeneraala

             Seenaa Jirenyaa

Taaddasaa Birruu (1920 – Bitootessa 19, 1975) kooloneelii loltuu waraana Impaayera Itoophiyaa fi sabboonaa fi qabsaawa mirga Oromooti . Taaddasaan jalqabarratti leellisa tokkummaa Itoophiyaa kan ture yoo ta’u yeroo booda garuu, bara 1960n keessa, gara qabsaawaa mirgaa fi walqixxummaa Oromootti jijjiirrame. Kanarraa ka’uun mootummaa fonqolchuuf yaalaa kan ture yoo ta’u boodarrammoo karaa waraanaan mootummaa kuffisuuf yaalaa ture. Qabsoo kana keessatti mootummaa Dargiitin qabamee ajjeefame. Taaddasaan akka abbaa sabboonummaa Oromootti ilaallama. Jireenya Ijoollummaa Taaddasaan bara Hayilasillaasee keessa Impaayera Itoophiyaa keessatti kutaa bulchinsaa Shawaa keessatti kan argamtu Salaaletti dhalate. Abbaan isaa obbo Birruun waraana xaaliyaanii irratti summii gaaziitin (poison gas) du’an. Haati isaa ammoo gadda kanarraa ka’uun ji’a sadi’i booda du’an.

            Loltuu Ta’uusa

Erga warri isaa dhumanii booda, Taaddasaan wasiila isaa Beekaatti kan miseensa Arbanyoochi, riphxee- loltoota Xaaliyaanii lolan, turetti dabalame. Boodarras qabamee hidhaan umurii guutuu fi hojii humnaa itti murtaa’ee Moqaadishoo, Somaaliyaatti hidhame. Amma Biriitish bara 1940 Moqaadishoo qabattee bilisa ba’utti achi ture. Taaddasaanis erga hiikkamee booda leenjii waraanaa Keeniyaa deeme fudhatee bara 1941tti Itoophiyaatti deebi’e. Achii gara sadarkaa liyuutenaantiitti ol guddatee Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaatti galmaa’e. Achi keessatti. akka barsiisaatti yeroo dheeradhaaf tajaajillaa ture.

Bara 1954tti, Taaddasaan gara liyuutenaant koloneelitti guddatte; waraanarraas gara humna poolisiitti jijjiirramee.

Humna poolisii akka ammayyomsuufis dirqamni itti kenname. Dura ta’aa “Faxnoo-Daraash (Rapid Forces)” ta’ee muuddame. Fonqolcha mootummaa bara 1960 fashaleessuu keessattis ga’ee guddaa tabatee amanamummaa Hayilasillaaseef qabu agarsiise.                  Yeroodhuma dura-ta’aa “Faxnoo-Darash” ture kanatti ammii Afrikaa Kibbaa sirna Apaartaayidiin qabsaa’aa ture. Niilsen Maandeellaa leenjise. Shugguxii Liliesleaf jedhamtu kan Maandeelladhaa kennes isa ture. Taaddasaa Birruu bara 1953tti gara Birgaader Jeneraalitti ol guddate. Yeroo kana inni dura ta’aa “Faxnoo-Daraash”, itti aanaa komishinerii Humna Poolisii Biyyaalessa, ajaajaa waraana nannoo fi dura- ta’aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu Biyyaalessaa ture.

 Waldaa Maccaa fi Tuulamaa 

Taaddasaa Birruu jalqaba sochii sabboonummaa Oromoo hin balaaleffata ture. Erga muummicha ministeeraa Akliluu Habtawaldi wajjin haasawee booda Taaddasaa ni jijjiirrame. Akka dura-ta’aa Duula Dubbisuu fi Barreessuu. Biyyaalessaatti, Taaddasaan Akliluu Habtawaldi wajjin walgayii taa’ee Akililuunis Taaddasaan Oromoo ta’uu isaa waan hin beekneef Oromoo akka baratu gochuuni fii Oromoo loltuutti qacaruun gaarii akka hin taane itti hime. Jechi kun Taaddasaan yaada isaa akka jijjiiruu fi Waxabajjii 1964tti miseensa Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka ta’u godhe. Waldaa kana keessattis sochii baayyee godhe.

Waldaa Wal-Gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka dabalu godhe; dabalataanis dandeettiin geggeessummaan isaa dhaaba kana gara dhaaba mirga Oromootif qabsaawutti jijjiire. Karaa dhaaba kanaas, Taaddasaan, Oromoon akka baratuu fi akka of danda’u barsiisaa ture.

Fakkeenyummaa Taaddasaa fudhachuun, dura buutonnii loltuu baayyeen, ummatni siivilii, namoonni baratan, namoonni bizinesii fi geggeessitoonnii amantii waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makaman. Namoonni kun baayyen isaanii Oromoo ta’uu isaaniyyuu dhoksanii kan turan yoo ta’u dhaaba kanatti makamuun isaani akka eenyummmaa isaani deebisanii akka labsuutti ilaalan. Mootummaadhan Mormu Isaa Taaddasaa Birruu Waldaa Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaatti galuun isaa fudhatama dhaabichaa dabale. Kun immoo Hayilasillaasee fi qondaaltota isaa aarse. Keesumaayyuu muummichi ministeeraa Akliluu Habtawaldi Taaddasaa akka masaanutti ilaaluu jalqabe. Akliluu dhuka’a boombii Finfinneetti ga’ee fi fincila Oromoonnii Baalee kaasan sababa godhatee Waldaa Wal- gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa akka cufamu godhe. Miseensonni isaa baayyen qabamanii, baayyeen ajjeefamanii, baayyeen immoo biyyaa ba’an. Taaddasaan kana hunda jalaa bahee garuu hidhaa manaa jala akka turu godhame. Hidhaa manaa kana jalaa waggaa sadi’i booda dhokatee jalaa bade. Kanatti aansee loltoota Oromoo sadarkaa olaanaarra jiran wajjin ta’uun fonqolcha mootummaa yaalan; Hayilasillaases ajjeesuf karoorsan. Fonqolchi sun garuu odoo hin milkaawin hafe. Taaddasaan qabamee , umuriin isaa dulloomaa ta’uyyuu, garmalees reebbamee. Murtiin ajjeechaa itti murtaa’es boodarra gara hidhaa guututti jijjiirrame. Warri isa wajjin fonqolcha irratti hirmaatan baayyeen garuu ni ajjeefaman. Taaddasaan boodarra hidhaadhaa gadilakkifamee Galamsootti hidhaa manaa jala akka turu godhame. Taaddasaanis yeroo kana geggeessitoota Oromoo bebbeekkamoo kan akka Baaroo Tumsaa, Elemoo Qilxuu (Hasan Ibraahim), Ahimad Hundee Taqii , fi Sheek Bakrii Saphaalloo wajjin wal qunname. Waxabajjii 1974tti, Itoophiyaan jeequmsa keessa waan seenteef impaayerri Itoophiyaa dadhabe. Taaddasaanis carraa kanatti fayydamuun Galamsoodhaa miliqee gara Finfinneetti deebi’e. Dargiin , waraana angoo mootummaa of harka galfate, Taaddasaan ministeera dhimma keessaa akka ta’uuf gaafate. Taadasaanis kana fudhachuu dide. Erga yeroo lammataatif didee booda, humni poolisii akka too’anna jala akka oolchuf ajajame; Taddasaan kana jalaa miliqee loltuu fincilaa waaraanaaf Shawaa keessatti gurmeessuu jalqabe. Loltuu keessatti hiriyoota isaa kan turan kana akka Koloneel Hayilee Raggaasaa , meejer Abbabaa Gabramaariyaam fi dhumarratti jeneraal Jaagamaa  keelloo isatti dabalaman. Kabaja gooticha wareeggame Elemoo Qilxuuf jecha maqaa waraanni isaa itti fayyadamaa ture Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) maqaa jedhamu jaltti socho’uu jalqaban.

         Akkata du’a Taadde 

 Taaddasaa Birruu finciltoota geggeessaa kan ture yoo ta’u jeneraal Jaagamaa Keellotiin ganamee Hayiluu Raggaasaa wajjin booji’ame. Taaddasaa fi Hayiluuttis hidhaan umurii guutuu itti murteeffame. Boodarra kun Dargiidhan gara ajjeechaatti jijjiirrame. Taaddasaa Birruu, Hayiluu Raggaasaa fi geggeessitoota Oromoo ta’an baayyeen gaafa Bitootessa 18, 1975 ajjeefaman. Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu qabsoo isaa kan itti fufe yoo ta’u bara 1976tti qaama Adda Bilisummaa Oromoo ta’e.

       yaadanno Taaddee

Taaddasaa Birruu Oromoota baayyee biratti akka abbaa sabboonummaa Oromoo kan ammayyatti ilaallama. Barsiifni inni waa’ee eenyummaa Oromoo irratti gochaa ture dhaloota Oromoo haaraa kakaasee. Kunis aadaan, afaanii fi eenyummaan Oromoo akkasumas sochiin bilisummaa Oromoo akka finiinu godhe.

Lagasaa Wagii

Gooticha qabsoo oromoo

          Seenaa Jireenya

Laggasaa Wagii umriin isaa barmootaaf yeroo ga’u mana baruumsa sadaarka tokkoffaa Bakkamee jedhamuuti kutaa tokkoo hanga afurii barate. Barnoota isaa kutaa shanii hanga saddeetii ammoo mana barumsaa Hinccinniitti barate. Sana booda gara Finfinneetti deemuun barumsa isaa itti fufuun kutaa kudha tokkoo hanga kudha lamaa magaluuma Finfinneeti barate.

Lagaassaa Wagii erga barumsa isaa haga kutaa kudha tokkootti barate booda barnoota akkaadaamii dhiisee baruumsa Makaanikummaa fi Konkoolaata oofu bara 1975 keessa barate. Oguummaa isaa kananiis hojiilee adda addaarraatti bobba’uun hojjaachaa ture. Laggaasaa Wagii hojii daldalarraatti bobba’uun magaalaa Dirree Dhawaa keessaati waggaa torbaaf kan jiraachaa ture yeroo ta’u hojiidhuuma daldala kanaaf meesha daldaala adda addaa fe’achuun gara dhiha Oromiyaa deemuun daldala itti fufe.

Laggaasaan obbolaa shan kan qaba. Laggasaan, Waxbajjii 27, 1987 haadha manasaa Waynisheet Getahuun fudhe. Hadha manasaa kanarraa ijjoollee dubartoota sadii kana maqaan isaani Bilisummaa Laggasaa, Fireehiwet Laggasaa fi Nastaannat Laggasaa kan jedhamaaniis godhate.

      ABO’tti Makamuusa     

Wagii jaalalaa guddaa ummata Oromoof qaba. Hacuccaan ummatarra ga’u boqonnaa waan isaan dhorkeef bara 1990 maatii isaa jaalatu dhiisee Dhiha Oromiyaa deemun qabsoo bilisummaa hogganummaa ABOtiin gaggeeffamutti makame. Bara 1991, barumsa siyaasaa fi leenjjii waranuumma, marsaa 18ffaa gahummaan xumuratee, dirree dhihaatti miseensa ABO ta’e.
Dammaqiinsaa fi hubaannoo Lagaasa Wagii qabu irraatti hundaa’uun dhaaba keessaatti barumsa dabballummaa bara 1991 bakka Beelmuuguu jedhamuutti barate. Akka baratee ba’een dirqama dabballummaan zoonii Beegitti ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballummaa ga’umsaan osoo bahaa jiruu mootummaan Dargii kufe. Dhaabni dandeetii fi ga’umsa isaa ilaaluudhaan ona Qaaqeetti dirqama bulchiisaatti ramade. Bulchaa ona kanaa yeroo turetti, kaayyoo ABO ummata hifannaa tokko malee barsiisuun fakkii guddaa miseensa ta’ee fi ummata biratti jaalala guddaa nama horatee ture.

ABO mootummaa Ce’umsaa keessaa akka ba’een WBO naannoo jirutti dabalamuun diina jabinaan lolee lolchiiseera. Falmaa diinaa wajjin godhamuu haga walakkeessa bara 1993 itti fufuun of ijaaruuf humna daangaa Sudaanii fi Itophiyatti ba’e waliin ture. Bara 1994 humna ijaaramee walkeessaa Dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa Laggasaa tokko ture.

 WBO diinaa wajjin falmaa hadhaawaa itti fufuun bara 1997 keessa oggaa mootumaan Wayyaanee magaalota Sudaan Kurmuk fi Giizan rukuttee qabattee xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of duuba daangaatti deebi’ee keessa ture 

Laggasaan. Bara 1993-1998tti sadaarka miseensuummaarraa kaase hanga sadaarkaa qondaala waraana ol-anaati dirqaama fudhatee hojjachaa ture.
Bara 1998 keessa miseensota ABO leenjii addaaf biyya ollaatti ergaman keessaa ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti biyya ollaa keessa Oromoota jiran akka ijaaruuf dirqamni itti kennamee ture. Akka kanatti tattaaffii Jeneraal Laggasaan godheen bara 2000 keessa Oromooti biyya ollaa keessa jiran walitti qabuun Waldaa Hawaasa Oromoo Eritrea ijaare, QBO irraa qooda akka fudhatan taassisee jira.

Laggasaa Wagiin bakka fi haala dirqaamni qabsoon isa feete hunda keessaati qooda ol’anaa nama kenna turee fi gahumaadhaan dirqaama itti kenname hunda nama baha turee dha. Akka kanaati 

Lagaasan bara 1998/99 irraa kaasee itti anaa moona leenjii WBO waliigalaa ta’ee hojjaacha ture. Bara 2000 irraa kaase barumsaa fi haroomsa waraanummaa, siyasaa fi tikaa erga baraate booda ajajaa WBO Zonii Dhiha J. Irreessaa Caalaa jalatti ajajaa bobbaa fi quunnamtii Oromiyaa Dhihaa ta’uun bara 2002 dirqama dhaabaa fudhatee gara dirree dhihaatti moona leenjii waliigala dhaabiicha irraa bobba’e. Sochii seenaa qabeessaa fi mootummaa Woyyaanee raase WBO bara 2002 Baddalee Dhiha Oromiyaa Qeebbe, Dambii Dolloo, Gidaamii, Beegii fi Mandii keessatti ta’aa turan irratti akka ajajaa waraanaa fi siyaasaatti hogganummaa mul’ataa kennee jira. Erga Ajajaan WBO Dhiha Oromiyaa J. Irreessaa Caalaa wareegamee boodaa hanga 2008 wareegametti ajajaa WBO Dhiha Oromiyaa ta’uun falmaa hadhaawaa fi gootummaan guutamee diina waliin ta’e hoggana waraanummaa fi siyaasaa kennaa ture.

Laggasaan dirqaama sadaarkaa adda adddaatti irra ture hunda keessaati, gootummaan, cichoominaa fi obsaan kan dirqama isa baha ture fi fakkeenya guddaa miseensoota, qodaalotaa fi hoggantoota ABO, qabsaawoota fi sabboontoota akkasumaas ummata Oromoo hundaaf nama ta’e dabree dha.

Lagasaa Wagii, dirqama dhaabaa fudhatee zoonii dhiha keessa waan tureef KS-ABO-3ffaa (Kora Sabaa-ABO-3ffaa) bara 2004 irraa hirmaachuu baatuus bakka inni hin jirreetti miseensa GS-ABO (Gumii Sabaa-ABO) ta’uun filatame. Dirqaama fi itti gaafatamuummaa dachaan itti kenname kanaas ga’umsaa fi of-kenniinsa haga wareegaama lubbuu isaati kennun goota qabsoo ta’uu isaa mirkaneesse jira.

Lagasaan, bilchina qaburraa, tooftaa fi mala qaburraa akkasumaas gootuummaa qaburraa ummaata Oromoo hunda birraatti kan baayyee jaallatamu fi kabajaamudha. Akkasumaas, 

Laggasaan diina biraatti kan bayyee sodatamuu fi gootummaa fi abbaa toftaa fi mala ta’uunsaa diinoota keenyaa utuu hin jaallatin kan ragaa ba’aniidha. Mootummaan gita bittaa Itoophiyaa yeroo adda addaa humna kumatamaan lakaawamaan, meesha gurguddaa fi humna qileensaallee osoo hin hafiin duulaa fi sakataa adda addaa yeroo itti zoonii dhihaa keessaati banaa turteetti, WBO hogganuun, hoggaansa cimaa kennuun, lolaa lolchiisaa humna diina dirree lola irraatti falmaa nama ture Laggasaan

Baqalaa Garbaa



              Eenyumaa
Maqaa:- Baqqalaa Garbaa
B/r.Dhal:- 1961
B/k.Dhal:-Boojjii,walagga,Oromiya
S.barnoota:- PHD
Angoo:- Itti Aanaa Oganaa partii siyasaa Oromoo

           Seenaa Dubaa
Baqqalaa Garbaa Oromiyaa keessa godina Wallagga Lixaa aana Boojjii, magaala Booji Dirmajiitti bara 1961 dhalate.
Barnoota sadarkaa tokkoffaaa achuma Boojjii Dirmajiittii baratee xumure, itti aansun barnoota sadarkaa lammaffaa Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffa Gimbiitti barate. Barnoota olaanaa Yuunivarsiitii Finfinnee galuudhan dame barnootaa afaanii fi ogbarruu biyyaa alaatin digiriisaa jalqabaa fudhate. Digiriisaa kanaan barsiisaa Afaan Ingiliffaa ta’ee mana barnoota sadarkaa lammaffaa magaala Dambii Dolloo fi Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Najjoo keessati barsiisaa ture. Barnoota digirii lammaffaa itti fufuudhan, Baqqalaan bara
2001tti Yuunivarisiitii Finfinneerraa damee barnootaa Ingiliffa akka Afaan Biyaa Alaatti Barsiisuu jedhuun fudhate. Kana booda Koollejjii Barsiisota Adaamaatti qacaramee Afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromoo barsiisaa ture. Bara 2005, sababa fincila barattootaa deeggarta jedhuun hojiirraa ari’ame. Baqqalaan kana booda gara Finfinneetti dhufudhaan waggaa lamaaf kollejoota dhuunfa keessatti barsiisaa erga turee booda bara 2007tti Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa ta’ee mindeeffame. Achittis Afaan Ingiliffaa barsiisun tajaajilaa ture. Baqalaa Garbaa abba maati yoo ta’u ijjoolle afur qaba. Baqqalaan Yuuniversiitii Finfinneerraa barnoota siyaasaan PHD fudhateera. Sochii Siyaasaa Baqqalaan sochii siyaasaa ifatti kan jalqabe bara 2009 miseensa WFDO ta’udhan ture. WFDO keessattis misensa koree hojii rawwachiiftuu fi hoogganaa hariiroo uummattaa ture. Filannoo Itoophiyaa kan bara 2010 irrattis hirmaatee ture, garuu hin moone. Erga WFDO fi Kongiresin Ummata Oromoo bara 2012 walitti makamanii booda, Baqqalaan oduma mana hidhaa jiruu itti aanaa hoogganaa ta’udhaan filatame.

Qabamuu fi Mana Hidhaa Galuu
Baqqalaa Garbaa ji’a Hagayaa keessa gaafa guyya 27 bara 2011 sababa Amnistii Internaashinaal (Amnesty International) wajjiin wal qunnamtii godheef qabamuun mana hidhaa gale. Seera falmisiisaa kan ta’e seera shororkeessummaatin himanni irratti baname. Himata kanarratti Baqqalaan miseensa ABO ta’uu fi sochii Oromoo Itoophiyaarraa fottoqsuu goote jechuun himatame. Jalqbarratti murtiin wagga saddeetii kan itti murteeffame yoo ta’u boodarra garuu murtiin kun gara waggaa sadi’ii fi ji’a torbaatti gadi xiqqeeffame; mirgi yoo amala gaarii agarsiise dafee akka gadi lakkifamus kennameefi. Murtii kana booda dhiifama yoo mana murtii gaafatte, waggaan hidhamtu gadi sii xiqqeeffama jedhee yeroo abbaan alangaa Baqqalaatti himu, innis akkas jedhee dhiifama isaanii tuffate Baqqalaan mana hidhaa Ziwaay (Baatuu) keessa ture. Bara 2014tti amala gaarii agarsiisun gadi lakkifamuun kan irra ture yoo ta’eyyuu mootummaan Wayyaanee mirga kana dhorkachuudhan hidhaa guutuu xumuruuf dirqame. Mana hidhaa kana keessa waggaa afur erga turee murtiisaa fixatee booda Bitootessa 31, 2015 gadi lakkifame. Baqqalaan mana hidhaatii gaafa ba’u, yeroo namoonni isa galateeffachuuf yaalan akkas jedhe deebiseef:
“Ani kanan qabsaa’e ofii kootifi, kanaaf galata na hin
barbachiisu”