Baqalaa Garbaa



              Eenyumaa
Maqaa:- Baqqalaa Garbaa
B/r.Dhal:- 1961
B/k.Dhal:-Boojjii,walagga,Oromiya
S.barnoota:- PHD
Angoo:- Itti Aanaa Oganaa partii siyasaa Oromoo

           Seenaa Dubaa
Baqqalaa Garbaa Oromiyaa keessa godina Wallagga Lixaa aana Boojjii, magaala Booji Dirmajiitti bara 1961 dhalate.
Barnoota sadarkaa tokkoffaaa achuma Boojjii Dirmajiittii baratee xumure, itti aansun barnoota sadarkaa lammaffaa Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffa Gimbiitti barate. Barnoota olaanaa Yuunivarsiitii Finfinnee galuudhan dame barnootaa afaanii fi ogbarruu biyyaa alaatin digiriisaa jalqabaa fudhate. Digiriisaa kanaan barsiisaa Afaan Ingiliffaa ta’ee mana barnoota sadarkaa lammaffaa magaala Dambii Dolloo fi Mana Barumsa Sadarkaa Lammaffaa Najjoo keessati barsiisaa ture. Barnoota digirii lammaffaa itti fufuudhan, Baqqalaan bara
2001tti Yuunivarisiitii Finfinneerraa damee barnootaa Ingiliffa akka Afaan Biyaa Alaatti Barsiisuu jedhuun fudhate. Kana booda Koollejjii Barsiisota Adaamaatti qacaramee Afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromoo barsiisaa ture. Bara 2005, sababa fincila barattootaa deeggarta jedhuun hojiirraa ari’ame. Baqqalaan kana booda gara Finfinneetti dhufudhaan waggaa lamaaf kollejoota dhuunfa keessatti barsiisaa erga turee booda bara 2007tti Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa ta’ee mindeeffame. Achittis Afaan Ingiliffaa barsiisun tajaajilaa ture. Baqalaa Garbaa abba maati yoo ta’u ijjoolle afur qaba. Baqqalaan Yuuniversiitii Finfinneerraa barnoota siyaasaan PHD fudhateera. Sochii Siyaasaa Baqqalaan sochii siyaasaa ifatti kan jalqabe bara 2009 miseensa WFDO ta’udhan ture. WFDO keessattis misensa koree hojii rawwachiiftuu fi hoogganaa hariiroo uummattaa ture. Filannoo Itoophiyaa kan bara 2010 irrattis hirmaatee ture, garuu hin moone. Erga WFDO fi Kongiresin Ummata Oromoo bara 2012 walitti makamanii booda, Baqqalaan oduma mana hidhaa jiruu itti aanaa hoogganaa ta’udhaan filatame.

Qabamuu fi Mana Hidhaa Galuu
Baqqalaa Garbaa ji’a Hagayaa keessa gaafa guyya 27 bara 2011 sababa Amnistii Internaashinaal (Amnesty International) wajjiin wal qunnamtii godheef qabamuun mana hidhaa gale. Seera falmisiisaa kan ta’e seera shororkeessummaatin himanni irratti baname. Himata kanarratti Baqqalaan miseensa ABO ta’uu fi sochii Oromoo Itoophiyaarraa fottoqsuu goote jechuun himatame. Jalqbarratti murtiin wagga saddeetii kan itti murteeffame yoo ta’u boodarra garuu murtiin kun gara waggaa sadi’ii fi ji’a torbaatti gadi xiqqeeffame; mirgi yoo amala gaarii agarsiise dafee akka gadi lakkifamus kennameefi. Murtii kana booda dhiifama yoo mana murtii gaafatte, waggaan hidhamtu gadi sii xiqqeeffama jedhee yeroo abbaan alangaa Baqqalaatti himu, innis akkas jedhee dhiifama isaanii tuffate Baqqalaan mana hidhaa Ziwaay (Baatuu) keessa ture. Bara 2014tti amala gaarii agarsiisun gadi lakkifamuun kan irra ture yoo ta’eyyuu mootummaan Wayyaanee mirga kana dhorkachuudhan hidhaa guutuu xumuruuf dirqame. Mana hidhaa kana keessa waggaa afur erga turee murtiisaa fixatee booda Bitootessa 31, 2015 gadi lakkifame. Baqqalaan mana hidhaatii gaafa ba’u, yeroo namoonni isa galateeffachuuf yaalan akkas jedhe deebiseef:
“Ani kanan qabsaa’e ofii kootifi, kanaaf galata na hin
barbachiisu”